Roomaa 12:6-8
6 Akka ayyaana Waaqayyoo isa nuuf kennameetti kennaa garaa garaa qabna; kennaan isaa waan Waaqayyo namatti ibsu dubbachuu yoo ta’e, akka amantichaa wajjin waliif galutti dubbachuu dha. 7 Kennaan keenya hojiidhaan nama gargaaruu yoo ta’e, hojiidhaan nama gargaaruutti in jabaanna! Barsiisuu yoo ta’e barsiisichatti haa jabaatu! 8 Kennaan isaa nama gorsuu yoo ta’e, gorsuutti haa jabaatu! Inni namaaf kennu, garaa qulqulluudhaan haa kennu! Inni dura bu’us dhimmee haa geggeessu! Namni namaa oo’us fuula ifaadhaan haa hojjetu*!
Qorontos Isa Duraa 12:4-11
4 Kennaan hafuuraa gosa garaa garaatu jira, hafuurichi garuu tokkichuma*. 5 Ergaa garaa garaatu jira, gooftaan ergamaniif garuu tokkichuma*. 6 Hojii garaa garaatu jira, Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada namaa keessa kaa’u garuu tokkicha*. 7 Karaan kennaan hafuuraa adduma addaan nama keessaa mul’atu, hundumaaf bu’aa akka ta’uuf kenname*. 8 Isa tokkoof ogummaadhaan dubbachuutu hafuuraan kennameef, isa kaaniif immoo beekumsa barsiisuutu hafuuruma sanaan kennameef*; 9 isa kaaniif amantiitu hafuuruma sanaan kennameef, isa kaaniif immoo kennaa warra dhukkubsatan fayyisuutu hafuura tokkicha sanaan kennameef; 10 isa kaaniif dinqii hojjechuutu, isa kaaniif raajii dubbachuutu, isa kaaniif hafuurota gargar baasee beekuutu, isa kaaniif afaan hin beekamneen dubbachuutu, isa kaaniif afaan hin beekamne sana hiikuutu kennameef*! 11 Hafuurri innumti tokkichi sun hojii kana hundumaa hojjetamuudhaan in ga’a; inni akka jaalala isaatti tokkon tokkon namaaf kennaa addaa in hira*.