Macaafa Isaayaas Raajichaa 55:1-2

1 Waaqayyo, “Isin warri dheebottan hundinuu gara bishaanii kottaa! Warri horii hin qabnes kottaa! Midhaan bitadhaatii nyaadhaa, kottaatii utuu horii itti hin baasin daadhii waynii fi aannan bitadhaa*! 2 Wanta buddeena hin ta’initti maaliif horii keessan baaftu? Wanta isin hin quufsinettis maaliif dadhabdu? Dubbii koo dhaga’aa, wanta gaarii ta’e in nyaattu, nyaata gaariittis in gammaddu;
Mat5
1 Yesus namoota baay’ee sana argee gaaratti ol ba’e; erga inni taa’ees bartoonni isaa gara isaatti walitti qabaman. 2 Inni barsiisuma kanaan afaan isaa saaqqate; 3 “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta’an haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti *. 4 Warri garaan isaanii gadde haa gammadan, isaan jajjabina in argatu *. 5 Warri garraamiin haa gammadan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu *. 6 Warri waan qajeelaa akka midhaanii beela’anii, akka bishaanii dheebotan haa gammadan, isaan geessifachuuf jiru *. 7 Warri namaaf oo’an haa gammadan, isaan oo’a in argatu *.
8 Warri yaadni garaa isaanii qullaa’oo haa gammadan, isaan Waaqayyoon in argu *; 9 Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu *. 10 Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari’ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti *.
1Phexros 4:14 Maqaa Kristosiif jettanii yommuu arrabsamtan, isin warra gammadanii dha; hafuurri ulfinaa inni kan Waaqayyoo isin irra in boqota*.
11 “Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ari’atan, (sobaan) waan hundumaa yommuu isin irratti dudubbatanis gammadaa *! 12 Isaan raajota warra isin duraa akkasuma ari’achaa turan; egaa yeroo hundumaa gammadaa ililchaa waaqa irratti gatiin keessan guddaa in ta’a” isaaniin jedhe*.
Isin Soogidda, Ifas Jechuu Isaa
13 Yesus itti fufee, “Isin soogidda lafaa ti, soogiddi garuu miyaa yoo of keessaa dhabe maaliin deebi’ee miyeeffama ree? Gad baafamee gatamee namni irra ejjetee balleessa malee, homaa tokkoofuu waa’ee hin baasu. 14 Isin ifa biyya lafaa ti, mandarri tulluu gubbaatti ijaarame dhokachuu hin danda’u *. 15 Homtinuu ibsaa qabsiisee guuboo jala hin kaa’u, baattuu ibsaa irra kaa’a malee; ibsichis mana keessa kan jiran hundumaaf in ibsa *. 16 Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!” jedheen*.
Wangeela Yohannis 8:12
12 Yesus ammas namootatti dubbatee, “Ani ifa biyya lafaa ti, namni ana duukaa bu’u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu” isaaniin jedhe.!