1 Kana booddee namichi gara balbala mana qulqullummaatti deebisee na fide; manni qulqullummaa gara ba’a-biiftuutti garagalee waan jiruuf, buusaa balbala mana qulqullummaa sana jalaa bishaan burqee gara ba’a-biiftuutti utuu yaa’uu nan arge; bishaanichis iddoo aarsaa irraa harka mirgaa, cinaacha mana qulqullummaa isa gara mirgaa jalaa in yaa’a ture*. 2 Ergasii immoo karaa karra gara bitaa gad na baasee, dugda duubaan gara karra isa duubaa isa gara ba’a-biiftuutti garagalutti na geesse; bishaanichis karaa gara mirgaa irra alatti in yaa’a ture.
Macaafa Zakaariyaas Raajichaa 14:8
8 Guyyaa sanatti Yerusaalem keessaa bishaan jireenyaa in burqa; walakkaan isaa gara galaana ba’a-biiftuutti, walakkaan isaa immoo gara galaana lixa-biiftuutti bonaa fi ganna in yaa’a*.
Wangeela Yohannis 7:38
38 Namni anatti amanu akkasuma haa godhu! Macaafni akkuma dubbate, ‘Yaa’aan bishaan jiraataa garaa isaa keessaa in burqa”’ jedhe*.
Mul’ata Yohannis 22:1-2
1 Kana booddees ergamichi laga bishaan jireenya namaaf kennu, isa bishaan isaa akka cabbii addaatu teessoo Waaqayyootii fi hoolichaa biraa ba’u anatti argisiise*. 2 Bishaanichi karaa mandarichaa walakkaa in yaa’a; lagicha gamaa gamanas muka jireenya namaaf kennu tokkotu dhaabata; mukti kun waggaatti si’a kudha lama ija waan godhatuuf, ji’a ji’aan iji irraa in argama; baalli mukichaas saba biyya lafaa fayyisuudhaaf in ta’a*.